jaalala dhuga
BOONII KOO
-
Ati naaf qabeenyadha
qabeenya gatii qaalii
ammam akkan si jaallu
onneekoo lixii ilaali
-
Ati naaf warqee kooti
almaazii gatii danuu
amman sitt-of gadhiisu
firattuu ofin amanu
-
Urgooftuu naardoosiikoo
shittoo phaarisii kiyya
daqiiqaadhaaf si dhabnaan
gurra qabadheen iyya
-
Hewaaniikoo ishee dhugaa
ishee gaarii naaf yaaddu
Onneekoo siin alatti
dabalata'n barbaaddu
-
Sana kanaan sin ibsu
ati anaaf waan hunda
badhaasa noobeliikoo
argannoo gatii guddaa
-
Dhaladhee har'a ga'eera
guddadhee, sutee margee
durba qalbiikoo fuute
an tokkittiikeen arge
-
Akka qaroo ijaattis
si qofaan ilaalladhe
gulaalee ungulaalee
filadheen si jaalladhe
-
Narraa'n fagaatin maaloo
dhaba dubbiikeen haada
amalakoos naaf bari
si-jjin taa'een si yaada
-
Naaf taateetta Gugeekoo
anatti hin taane Bofa
sirraa kan na fageessu
du'a harka rabbii qofa
======like #Jaalala Dhugaa =====
Leave a Message