Hiikaa jechootaa kan ni beektuu #ibliis -abbaa fii hogannaa...


Hiikaa jechootaa kan ni beektuu #ibliis -abbaa fii hogannaa shayxaanotaa {seexaan ykn shayxaana jechun qaamaa /humna ajajni allah akka hinrawwatamne godhuuf tattanfatu kamiyyuu jechudha qaamni /humni kun namas jinniis tauu hin danda'a gababumattii shayxaana jechuun isaa ajaja allahaa fallessuu fii isaa rahmata allahaa irraa fagatee jechudha iblis immoo hogganaa hoomaa kanati #waswaas- tasgabbii dhabinsa qalbii #kushuu'ii -hojii qalbiidhaan hordofuu si'annaan dalaguu #'ibaadaah -gochaa waqeffanaaa #rukuu'ii -kuutaa salaataa isaa ganawwaan harkaatiin jilbeen qabachuun dugdan gadjedhaniidha #sujuud -salaata kessatii fulaan kufuu/kalachan lafa tuquu #wuduu'aa -gochaa salaata rawwachuuf yaaduun fulaafi harkeen hangaa ciqilee bishaaniin dhiqachuu dabbasaa fii gurraa bishaaniin haxaayuu fii milaan hanga qoronyoo dhiqachuudha #zikrii- umaa farsuu ykn yaadachuu #du'aa'ii -kadhannaa #mu'azziin~ nama salaata sirnaan wamichaa godhu #azaana- wamichaa salataaf godhamuu isaa gudichaa #iqaamaah -azaana booda kana godhamu waamichaa gara sirna salaataa senuuf godhamu gabaabumatii waamicha salaata isaa xiqichaa #saff-hiriira #siwaak-riigaa #{s.w}-subhanahuu wataalaa {qulqulinnii gooftaa} ol anaaf haa tauu jechuudha #raasuul- ergamaa #tasbiih-allah (s.w)haqina hundaa irraa qulqullessuu fii ulfessuu #qiyaamal laylii~ salaata yeroo walakkaa halkanitiin boodaa jiruu irraa kaasee yeroo hanga fajrii (subhii) jiru kessaatii sagadamuu #imaam- hogganaa #sunnaah- karaa nabiyyuummaa #hadiisa -haasawa ykn barnoota nabiyyuummaa #tashahudaa ~rakaawaan lama ykn sadiih ykn afur jidduuttii ta'uun du'aa'ii godhamuudha #hukm- murtee dinii fiqhii danbii islaamummaa #fuqaahaa'i- hayyoota danbii seeraa islamummaa #makruh- jibbamaa #suuraah- boqqonnaa #salatal fajrii-salaataa barsiisaa ykn salaataa subhii #ulamaa'i -bektota dinii islamaa #aalim -beekaa #qalbii- onnee #xohaaraa -qulqulluu ykn taliila #aazaa-rakkina ykn gufuu #ummah -ummataa hawaasaa #aakhiraa -jirenyaa dangaa hin qabne isaa du'aan booda jiruu #diin- qajeelfama jirenya kan waliigalaa karaa jirenyaa isaa dhugaa maqaan diinii muslimoota al islaam jedhama #qiraat -akkataa dubbiisa quraan #sawaab- mindaa allahaa irraa argamuu #nafl salaat -salaata dirqama hin tain #fard salaat- salaata dirqamaa tae #rabbanaa walkal hamduu -yaa gooftaa keenyaa galanni siif haa tauu #al faatihaah~ quraana kessatti suuraa jelqabaa yoo taatu kewwatoota torb qabdi hikaan isii suraa banaminsaa jechuudha #samiallahu liman hamidah -allah nama isa galateffatu dhagahee jira #al-bijaaniyyah- uffaannaa xilfii ykn suuraa hin qabne uffaanaa ykn kitta walfakkataa tae #huural ayn- dubaartoota allahaan gabroota isaa kannen dhiiraatiif bori guyyaa duaa kauumsaa (yawmal qiyaamaa) booda jannata kessaati akka nitiitii fii akka taphachiiftuu godhee qophesse bareedinii issanii kan fakkata jedhamee jechotaan ibsamuu kan hin dandenne dubartoota jannataa isaan midhagoota ta'anidha #jihaad -qabsoo isii irrstti wanti xiyyefanna itii kennamuuf malu yoo jeraatee hikkan jecha jihaad jedhuuf kennamu kan jechudha haatau malee akkataan hikka kun hikkawwan jihaada kessa tokko malee jechichii hikaa kana qofarratti dangayee kan hafuu miti qabsoo yoo jennu akaakuwwan garagaratu jira fkn qabsoo namni tokko mataa isaa wajjin godhu qabsoo shayxaana wajjin godhu qabsoo wantoota garii dalaguuf isa uggisiisu namussonii gariwwan rawwatu allaha biratti fudhatama akka argtaan qabsoo godhuu fii kannen birolle tuqamuu ni danda'u Salaam da'awa group

View more on Facebook



Leave a Message

×
×

This site was designed with Websites.co.in - Website Builder

WhatsApp Google Map

Safety and Abuse Reporting

Thanks for being awesome!

We appreciate you contacting us. Our support will get back in touch with you soon!

Have a great day!

Are you sure you want to report abuse against this website?

Please note that your query will be processed only if we find it relevant. Rest all requests will be ignored. If you need help with the website, please login to your dashboard and connect to support

;