YaaRasuula Rabbii fiidaakeeti Ani
YaaRasuula Rabbii fiidaakeeti Ani ﷺ
Ergamaa rahmataannuuf erge rabiinii
kan ergama isaatiin ibsamte dachiinii
Kan fakkeenyi isaa lamuun argaminii
Caalaa Ambiyootaa muhammad Amiinii
yaakheeyral Ambiyaa'i wolmursaliinii
yaaErgamaa Rabbii fiidaa keeti Anii
Rasuula hinjaalattan jetti Ahbaashiinii
Akkam sinjaalannee yaa habiibii Anii
eenyuun haajaaladhuu yoo sinjaalatinii
Sanuuyoo lubbuukoo sancaalchifatinii
Jaalala kee ibsuun yoosi hordofanii
Akkamitti tahaa MOOWLIDA qofaanii
Aayyoof Aabboon koollee fidaakee haata'anii
YaaRasuula Rabbii fiidaa keeti Anii
Rasuula hinjaalattan jetti firqaan fitnaa
Akkam sinjaalannee nuti sijaalannaa
Ajaja kee hundaa guututti fudhannaa
Waan Ati karaan goone hundaarraa fagaannaa
bid'aa lafaan kaafnuu diinii guutuu qabnaa
Moowlidalleen goonuu isaantuun godhinii
yaaRasuula Rabbii fiidaakeeti Ani
Akka jarri jaamaan odeessituu mitii
Jaalalli Rasuulaa qalbii keenyarratti
Ifabahuu qabaa hujii keenyarratti
Amriisaanii guutee waajibaa sunnattii
Hujiin mirkanaa'aa Afaan duwwaa mitii
An isaan hordofaa jechaafii gochattii
Akkam hardha Ahbaashiin hinjaalattu naan jettii
Sunnaamii waajibaa isaan jaalachuunii
Aayyoof Aabboon koollee fidaakee haata'anii yaaRasuula Rabbii fiidaakeeti Ani
Leave a Message